Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

QABSAA'AAN NI KUFA QABSOON ITTI FUFA

Qabsaawaan  ni  kufaa!
Qabsoon  itti  fuffaa!

Hin'duunee  ni  jirta  goota  Oromootaa!
Xurii  takka  hin'qabduu  seenaan  si  yaadataa!
Kaayoo  tee  hin'gannee!
Irbuu  tee  hin'diynee!
Beelaa  dheebuu  jattee  diinaaf  hin'bitamnee!
Saba  kee  gurgurtee  qarshii  gula  hin'demnee!
Habashaa  sodattee  takkaa  gad  hin'jannee!
Jaala koo  ni  jirta  bar  ati  hin'duunee!
Guyyaa Aduun  baate  deebitee  ol  kaataa!
Sabni  kee  ililchee  si  galcha  galataa!
Siidaa  kee  ol  dhaabee  booyee  si  farfataa!
Nagayaan  nu  ciisi  jazaan  kee  jannataa!
Dhiiga  kee  baasuudhaaf  gootni  ni  kakataa!
Kaayoo  ati  kufteef  kallacha  tolfatee!
Finfinnetti  gala  dhihottuu  falmatee!

Firaa fi  firiin  isaa  sabrii  nuu  qabaadhaa!
Laggee  waliin  dhabnee  Waaqayyo  kadhadhaa!
Gooticha jannataa  Rabbiin  isaa  godhaa!
Nu  sabni  Oromoo  obbolaa  keessanii!
ABO fi  WBOn isin  ulfeessanii!
Isin  bira  jirraa  isin  jabeessinaa!
Rakkoo fi  balloo  walumaan  simannaa!
Dhihotti  bilisomnee  gadda  firraa  ofnaa!
Shaggaritti  ol  baanee  siidaa jaala keenyaa  dhabnaa!

Dhiiga  keenya  bafnaa  nu  kaassaa daddafaa!
Gooti  Oromtichaa  hin'dunee  ni  jirraa!
Guyyaa  Aduun baate  Finfinne  wal garraa!
Mara  onnachissee  dubraa  fi  dardaraa!
Gooticha  Oromoo  Laggee tahuu  baraa
!

Gumaa isaa  baafnaa wal faana  hiriirraa!
Alaa  mana  isaa  nu  je'ee  gad  gatee!
Maatii  isaa  facaassee  garaa isaa  muratee!
Rorroo  alagaa  dhugumaan  lagatee!
Ka'ee  raassaa  gale  J/ Laggee  Waagii!
Yaa  saba  Oromoo  wal waamii,  wal  argii!
Gurgurattuu  sabaa  of  keessaa  duguugii!
Kaayoon  J/ Laggee  dhugaan  kaayoo teenyaa!
Dandiin dhugaa  sunii  irratti  wal geenyaa!
Dhamsa  isaa  fuunee  galma  keenyaan  geenyaa!
WBO  jajabeessaa  isaa  abdiin  keenyaa!
Osoo  gumaa  hin'bafne  akkamiin  gad  teenya?
Nyaannee, dhuynee,  rafnee,  obsinee  dandeenyaa?
Ofirraa  haa  eegalluu  gurgurataan  keenyaa!
kan  nu  balleessee,  nu  galche  hammeenyaa!
Kijibduu  afuuftuu  olii  gadii  yaatu!
Jijjiirama  jattee  Oromoo  gurgurtu!
Gabrummaa  nu  feetee  diinaaf  nu  falfaltu!
Bilisummaa  teenyaaf  takka  naasuu  hin'qabduu!
Cubbamaa  malee  kan  dhugaa  hin'barbaadduu!
Ofirraa  eegadhaa  Arrabni  isii  haaduu!

Gadaa  gadaa  bilisummaa tii!!!
Harka  wal qabadhaa  ka'aa  qabsoodhattii!
Dukkanti  dhabamtee  Aduun  bahu jirtii!
Galmeen  seenaa  buru  dhihottuu ol baatii!
Oltanii  hin'bulinaa ka'aa  qabsoodhattii!

***<:>***

WBO  malee  hin'jiru  falmataan  sabaa tii!

Injifannoo  ummataa  Oromoo f!!!

J/ O. O.



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net